Anumaatu Ana

ANUMATU ANA

Anumatu ana
malee an si miti
Of ta’een uumame
akka dhuunfaa kootti
Aadaa koo jaallachuun
sila naaf kenname
Waaqa uumaa biraan
waaliin badhaafame.

Oromoo ta’eetan
dhalootaan carroomee
Qabeenya uumamaan badhaadhee sooromee
Aadaa boonsaa kootiin
akkanaan faayamee.

Tasa nyaadhee hin beeku
kan namaa harkaa saamee
Kan koo nan jiraadha
si kadhadhee hin beeku
Kan koo natti hir’atee
kadhaa ormaa hin dhaqu.

Anumaatu ana ofittan amana
Aadaa boonsaan qaba
inni naaf gaachana
Fedhii kootiin miti
oromoo ta’uun koo
Rabbi na badhaase
maal ta’e diinni koo?
Fedhuma rabbiinan
carroomee dhaladhee
Maafan of jijjiira
alagaa sodaadhee?

Anumatu ana
malee an si miti
Oromoo ta’uun koo
hojii uumamaati
Lammiifan jiraadha
sabaafan hojjadha
Aadaaf afaan kiyya
kunuunseen eeggadha.
Atiis kan keetiin booni
waan rabbi siif lateen
Malee hin hinaafin
waan waaqni naaf godheen
Ilma abbaa gadaa
abaarsa hin jaalladhu
Eebbaa nan guddadhe
kana naaf hubadhu!!!!!!

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started